U.S. Keessaa Lakkoobsi Namoota COVID-19n Du’anii 250,000 Darbe

  • VOA

This US Navy handout photo obtained April 6, 2020 shows Lt. Wade Miller, from Orlando, Florida, treating a patient aboard the hospital ship USNS Mercy (T-AH 19)on April 4, 2020 in Los Angeles, California. - Mercy deployed in support of the nation's COVID-

Yunaayitid Isteetis keessaa ennaa lakkoobsi namoota haaraa vaayiresii koronaan qabamaa jiran kanatti namoonni 250,00 ol du’aniiru.

Roobii kaleessaa magaalaan New York mana barnootaa cufuuf labsee jira. Magaalaan kun guyyoota torba walitti aanuuf COVID -19 dhibba irraa harka 3n guddachuu beeksisee jira.

Kamisa har’aa jechuun sadaasa 19 qabee manneen barnootaa of eeggannoof jecha ni cufamu, weerara vaayiresii koronaa marsaa lammataa of irraa ittisuu qabna jechuu dhaan bulchaan magaalaa New York Bill de Blasio twitter irratti barreessaniiru.

Mgaalaalee guddoon kan akka Boostern, Ditirooyit barnoonni kallattiin akka hin geggeessamne dhorkanii jiran. Guutummaa Yunaayitid Isteetis keessaa erga weerarri vaayiresii koronaa jalqabee qabee uummata miliyoona 11.5 oltu qabaman.

Weerarri marsaa ammaa immoo heddumminaan lakkoobsa kanatti dabalaa kan jiru yoo ta’u walumaa gala guyyaatti namoota 160,000 ta’utu torbanneen darban keessa guyyaa guyyaatti COVID-19n qabamu. Lakkoobsi kun kan baatii sadii dura dacha sadii kan caalu yoo ta’u guyyaatti namoota 1,100 ta’antu du’u.

Hojjettoonni eegumsa fayyaa namoota hedduu vaayiresiin kun qabe kunuunsuun hedduu ko’oommatanii jiru.

Ennaa ayyaanni waggaa guyyaa galataa lammiiwwan Ameerikaa mana maatiiwwan isaaniitti wal ga’an dhiyaataa jiru kanatti angawoonni yaaddoo qaban ibsaa jiran.

Ministriin eegumsa fayyaa fi tajaajila hawaasaa Alez Azar namoonni aka of eeggannoo godhatan namoota miseensa maatii hin ta’in vaayiresii kana facaasuuf carraan jiru ol aanaa dha jedhan. Torban kana kampanileen dawaa lama talaalliin COVID -19 yaaliif dhiyaate ba’ii gaarii argamsiisuu isaa beeksisuun oduu abdaciisaa ta’ee jira.

Kampaniin Azaar jedhamu bulchiinsi nyaataa fi dawaa talaallii kanaaf eeyama yoo kenne torbanneen keessatti raabsuuf qophaa’eera jedhee jira.

Ameerikaa keessaa eenyu iyyuu talaallii kana fudhachuuf maallaqa akka hin baasne mootummaan Yunaayitid Isteetis sagantaa oomisha talaallii qopheessee jira.