Uggurri Sa’aa Naanoo Uummattoota Kibbaa Ka’ee JIra

  • VOA

Marfata Summudaa, Hawaasaa (Suuraa faayilii)

Naannoo uummattoota kibbaa keessaa torbanneen lamaaf uggurri sa’aa erga kaa’amee booda ka’uun isaa gabaasamee jira.

Hoogganaan biiroo nagaa fi nageenya naannoo Alamaayyoo Baawudii VOAf akka ibsanitti, uummanni amma rakkoon nageenyaa naannoo sana keessa akka jiru hubataniiru, kanaaf uggurri sa’aa utuu hin barbaachisin of irraa faccisuu danda’I jedhan.

Sababaa uggurri kun ka’eef ka biroon dhiibbaa inni dinagdee naannoo irratti qabaate ta’uu obbo Alamaayyoon ibsaniiru jedha Yonaataan Zebdwoos Hawaasaa irraa.