USAID-n Tigraayiif Gargaarsa Maallaqaa Arjoome 

  • VOA

Faayilii - Buufata Baqattoota Itoophiyaa naannoo Tigraay irraa buqahanii, Sudaan Mudde 3, 2020.

Jaarmayaan misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytid Istees (USAID) gargaarsa dhala namaa kenneen alatti Tigraay keessatti waan barbaachisuuf kan ooluu Doolaara Miliyoona tokkoo fi Miliyoona shantamii lamaa arjoomee jira.

Jaarmayaan kun akka jedhutti uummanni Amerikaa rakkoo Tigraay mudateef isa ammaa kana dabalatee walii galaan Doolaara Miliyoona 300 fi Miliyoona shan kennuu isaa beeksisee jira.