Koronaan addunyaa irra maruutti jiru kun amma biyya kurnya hedduu keessatti himan.Afrikaa Kibbaa waliin vaayireessiin kun Afrikaa keessaa biyya 6 oli keessatti argan.
Namii irratti argan kun nama ganna 38ti dhiyoo guyyaa sadiin duratti jaartii isaatii fi nama 10 ka dhibii waliin Xaliyaanaa gale.
Akka ministerii fayyaa Afrikaa Kibbaa jedhetti biyyitii isaa dhibamaan wallaanachuuf hosptiaala 10 kopheeffatte.
Manii Marii Amerikaa vaayireessii kornaa biyya baafateen wallaanuuf doolara biliyoona 8.3 kennuuf dubbii mure.
Pirezidaantiin US Tiraampi doolara bliyoona 2.5 kennuuf yaada dhiyeesse.
Amerikaa godina Seattle magaalaa King haga ammaatti nama 9 dhiba kanaan dhabde. Magaalii sun dhiba kanaan wallanuuf hoteelii siree 85 qabdu bittee dhibamaa itti wallaanuuf qopheeffatte.
Amerikaa keessaa nama 160 irrtti dhiba kana argan.Ogeeyyotii fayyaa akka namii yoma cufaa harka dhiqatuu fi nama qabu ka axxifachaa quf’u irraa fagaatan dhaaman.