Prezidaantiin Yukireen Volodimiiyr Zeleniskii yemmuu mana bakka bu’ootaa Yunaayitid Isteetsif haasaa godhanitti, prezidaant joo Baayiden gargaarsaa nageenyaa yukireeniif kan oolu deggersaa Doolaraa Miiliyoonii 800 eeyyamuun isaanii himamee jira. Gargaarsaa maalaqaa haaraa kennamuuf deemu kana dabalatee ergaa Raashaan Yukireeniin weerartee as Yunaayitid Isteets Doolaaraa Biiliyoonii Lama yukireeniif laatteetti.
Prezidaantiin Yukreen Volodimiiyr Zeleniskii haasaan isaanii mana maree bakka bu’ootaa Yunaayitid Isteetsif taasisan Vidiyoodhaan yemmuu ta’u, Zeleniskiin haasaa walfakkaataa manaa maree Mootummaa Biriteen, caffee Mootummaa kaanaadaan fi caffee gamtaa Awurooppaatiif akka dhiheessan beekameera. Zeleniskiin Haasaa kana kan taasisan deggersaa garghaarsaa namoomaa fi waraanaa gaafachuuf akka ta’e gabasameera.