Waaltaaleen seeraa bu’aaf hin hojjenne wal ta’uu dhaan komiishina mirga namoomaa fi sabootaa Afriikaa irratti Itiyoophiyaa himachuun ibsamee jira. Waaltaalee kana keessaa tokko kan ta’e Legal Action Worldwide/ waaltaa seera hojii irra oolchu kan sadarkaa addunyaaf/ itti gaaatamtuu kan ta’an VOAf akka himanitti, dhiittaa mirga namaa Kaaba Itiyoophyaa keessatti raawwatame ilaalchisuun himati Itiyoophiyaa irratti dhiyaate rakkoo Afriikaa fi furmaata Afriikaa barbaaduu irratti kan fuuleffate ta’uu beeksisan.
Your browser doesn’t support HTML5
Waaltaan kun, addunyaa irra kanneen jiran miidhmtoota dhiittaan mirga namaa irratti raawwatameef deggersa seeraa kennuu dhaan beekama. Miidhamtoota kana bakka bu’ee haqi akka mirkanaa’uuf falma. Waaltaan kun michoota isaa abukaatolee dhaabbata seeraa Debivoice & Plimpton jedhamuu fi kan Pan Afrikaa waliin ta’uu dhaan komiishina mirga namoomaa fi uummataa kan Afriikaa irratti Itiyoopiyaa himachuu isaa beeksisee jira.