Wal-dhabbii Jiraattota Aanaalee Gujii Lixaa fi Burjii Keessaa Gidduutti Uumame Araaraan Furuuf Yaalamaa Jirachuun Himame

  • VOA

FAAYILII - Gujii, naannoo Oromiyaa

Wal dhabbii Gujii fi Burjii jidduutti uumame jaarsummaan hiikuuf jaarroleen saboota ollaa fi Booranaa ka yaalaa jiran tahuu Abbaa Gadaa Jiloo Mandh’oo VOA’tti himanii jiran.

Your browser doesn’t support HTML5

Wal-dhabbii Jiraattota Aanaalee Gujii Lixaa fi Burjii Keessaa Gidduutti Uumame Araaraan Furuuf Yaalamaa Jirachuun Himame

Caamsa darbe aanaa Addaa Burjii, magaalaa Sooyyamaa keessatti Oromoota Gujii Lixaa irraa gabaaf achi turan haleellaa raaw’atameen haga ammaatti namootni kudhan du’uu fi jaha ka biroon yaalarra jiraachuu eeran, Abbaan Gadaa Gujii.

Aanaan Adda Burjii haleellaa kanaan wal-qabatee haga yoonaa namootni 70 ol to’annaa jala ooluu fi qabeenyi saamames garii deebifamuu dubbatee jira. Jiraattonni garuu ammas nageenyi amansiisaan daangaa gam-lameenii irratti hin mullatu jedhu.