Waldaan Hakiimota Jaapan Olompikiin Baranaa Akka Hafu Gaafate

  • VOA

Taphinni Olompiikii Adduunyaa baraa kanna Jaapaan keessattii jalqabamuudhaaf yemmuu jiinii sadii afu kanatti, waldaan haakimoota Jaapan taphichii akka hafu gaafachuun isaa beekameera.

Waldaan haakimootaa miseensota 6000 kabu kun xalaayaa Muummicha Miniisteeraa Yooshihiidii Suugaatiif ergeeniin akka beeksisetti, yeroo amma dhibeen koroonaa akka haaratti ka’ee waan babaldhachaa deemaa jiruuf Olompiikiin baraan akka hafuu gafataniiruu.

Yeroo amma hospitaalonnii biyyatii waan guutaa jiraniif haala kana keessatti taphicha geggeesuun rakkiina humnaa ol ta’ee waan fiduuf muummichii miniisteeraa waan kana irratti akka koree olompiikii adduunyaa amansiisan gaafachuun isaanii beekameera.

Taphinii Olompiikii baranaa adoolesa 23 hanga hagayya 8 /2021 biyya Jaapaan keessati godhamuudhaaf akka karoorfame waan beekamuudhaa.