Waldaan Ogeeyyota Fayyaa Oromoo Addunyaa Vaayireesii Koronaa Kana Irratti Ogeeyyota Oromiyaa Jiran Qarqaaruuf Horii Waltii Guuruufiitti Jira

Waldaan Ogeeyyota Fayyaa Oromoo Addunyaa Vaayireessii Koronaa Irratti Oromiyaa Gargaaruutti Jira

Your browser doesn’t support HTML5

Waldaan Ogeeyyota Fayyaa Oromo Addunyaa Vaayireessii Kornaa Irratti Ogeeyyota Fayyaa Oormiyaa Qarqaaruutti Jira


Waldaan Ogeeyyota Fayyaa Oromoo Addunyaa https://iohpa.org/ akka pirezidaantiin isaa Dr Obsaa Hassan jedhetti hujii isaanii guddoon gama fayyaatin ummata barsiisuu,gama fayyaatiin qorannoo akka akkaa tolchanii ummatti himuu.

Waldaan kun dhiba vaayireesii kornaa kana irratti ee ogeeyyota Oromiyaallee mi’a isaan vaayireessii kana irraa namaan wallaaniin bituuf haga doolara kuma 100 walti guuruuf hujiitti jira.

Horiin kun waan akimiin namaan wallaantuun gloves,mask,wayaa akimiin naqattu,waan kophee akimiitti kaayanii fi waan gara garaatiin gargaaruuf horii walti guuruufiitti jiran.

Haga ammaatti doolara kuma 63 caalaa yaayyuu walti guuraniif akka Dr Obsaan jedhetti.

Mi’a gargaarsaa kana akka Dr Obsaan jedhetti Biiroo Fayyaa Oromiyaa waliin tahanii ogeeyyota fayyaa Oromiyaa jiranii ergan. Akkuma bitanin geejjiba xuyyuuraatiin erguuf kurfoo jiran jedhan.“Akka ummata biyya tokkootti waliin dhaabachuun barbaachisa.”

Damee Waldaa Ogeeyyota Fayyaa Addunyaa Oromiyaa jiran waliinilee hujii tana hojjachuuf horii kana waltii guurtuutti jiran.

Dr Obsaan Hospitaal Mercy, MN jiru keessa hojjataa.