Waldorgommii ispoortii Oromoo fi ‘Torbaan Oromoo’ Hagayya 3-10 irra oolan, MN-ti qopheessa

Dirree Dhawaan barana,2018 waliin marroo 6 Shaampiyoonaa OSFNA taate

Minisootaa ‘Little Oromiyaa’ akka warrii qopheesse jedhetti nama kuma hedduutti itti yaahuutti jira fakkaata.

Torbaan Oromoo,guyyaa gannuma gannaan bulchiinsii Amerikaa Oromoo kennee qopheessu.

OSFNA,Federeshiiniin Waldaa Ispoortii Oromoo barana waliin marroo 24 waldorgommii ispoortii Oromoo ardii North America qopheessa.

Akka Tishoo Tafarraa,koree OSFNA keessaa jedhetti barana kilaboota kubbaa miilaa Oromoo 26 dorgommii tanaa dhufa,tana keessaa 2 ijoollee dubraati.

Kanaadaa keessallee kilabii lamatti dhufaa karaa jira.

Dorogmmii OSFNAn qopheesse keessaa

Fiigicha,kubbaa saaphannaa…

Qophii bashannanaa keessaa

Fiilmii Oromoo ‘Xiiqi’

Taphaa fi kobla Oromoo:Oromo Comedy

Agarsiisa dizaayina Oromoo,Moo’ii Xilahun agarsiiftu fi Halkan bashannanaa

Tana malee ogeeyyotii fayyaa Oromoo torbaan Oromoo sun keesatti achitti tolaan namaan wallaanan.

Dorogmmiin baranaa Istaadiyoomii Mana Barumsa Sadarkaa Lammeessoo Maple Wood keessa

9800 Fernbrook Ln N, Maple Grove, MN 55369