WASHINGTON, DC —
Waldaan Qorannoo Afrikaa walgahii isaa 59ffaa torban darbe, Muddee 1 - 3tti as Waashingitan Diisiitti geggeessera. Walgahii kana irratti hayyoonnii fi namoonni siyaasaa qorannoo isaanii dhiheessaniiru. Mariiwwan godhaman keessa han dhimmoota Oromiyaa fi Itoophiyaa irratti xiyyeefatanis jiru ture.