Waraanni Israa’eel Jimaata Har’aa Libaanoon Keessatti Xiyyaaraan Haleellaa  Raawwachuun Gabaasame

  • VOA

Beerut keessatti haleellaa Israa'eliin gamoon rukkutame oggaa kufu, Sadaasa 15, 2024.

Maddii oduu biyyalessaa mootummaa Linanoon akka jedhetti, Jimaata har’aa xiyaaronni nam-maleen israa’eel kibbaa magaala Beeyiruut bakka Gihooberii jedhamu irratti ergaa misaa’eloota lamma dhukaasanii boodaa, xiyaaronni waraanaa Israa’eel haleelaa cimaa taasisuudhaan gamoo bulchiinsaa magaala Beeyiruti cinatti argamuu barbadeessaniiru.

Haleelaan kun raawwatamuu isaatin dura fuulaa midiyaa hawaasaa X jedhamuu irratti akeekkachiisaa kan kennan dubbii himaan waraanaa Israa’eel Aviichaay Adira’ee, jiraattonni naannoo kibbaa Beeyirutii bakka Gihooberii jedhamu jiran bakka gareen Hiziboollaah maandhefatee jiru keessa waan jiraniif nageenyaa mataa isaaniifi matii isaaniif jecha akka bakka sana gadi lakkisanii bahan hubachiisuun isaanii gabaasameera.

Maddii Oduu biyyalessaa Libaanoon akka gabaasetti, Jimaata ganamaa gara barii magaalaa kibbaa biyyatitti argamuufi Naabaatih jedhamuu irratti haleelaan xiyyaaraa raawwateera. Haleelaan sun kan raawwatee bakka wiirtuu ajajaa garee Hizboollaah “Umna Radiwaan” jedhamuu irratti akka ta’e kan ibsee waraanni Israa’el, guyoottan muraasa darban keessa Libaanoon keessatti bakkaawwan 120 irratti haleellaa raawwachuu isaa beeksiseera.

Akka haanga’onni Lebaanoon jedhanitti, wagga darbee ji’a Onkoloolessaa keessa erga lolli Hizboolaa fi Israa’el jalqabamee as lammileen biyyatti kuma 3 fi 380n ajjeefamaniiru. Lola Kanaan wal qabatee miidhaan diinagdee doolaara Biiliyoona Shanitti shallagamuu Libaanon irra gahuu isaa dhaabbanni baankii aduunyaa kamisa kaleessaa ibsuu isaa maddi oduu Ajaans Fraans Prees/AFP gabaasera.