Waraanni Israa’el Mooraalee Garee Hezbollaa Haleeluu Isaa Gabaase

  • VOA

FAAYILII - Kibba Libaanoon bakka haleellamee aara mullatu, Hagayya 25, 2024.

Waraanni Israa’el Kamisa har’aa keellaalee Hizbullah torba kan kibba Libaanon irratti haleellaa raawwachuu isaa ibsuu dhaan, lammii Israa’el tokko kan angawoota Israa’el ajjeesuuf shira Iraan keessatti hirmaate jedhamuun shakkame to’annoo jala ooluu isaa beeksiseera. Angawoonni Israa’el ibsa kennaniin namni to’annoo jala oole nama daldalaa Turkiyaatti hidhata qabu yoo xiqqaate walgahii lama Iraan keessatti hirmaate yoo ta’u, kanneen shira kanan irratti fuuleffatames, muummicha ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Ministira Ittisaa Yoo’aav Galaant akka ta’an himaniiru. Namni kun to’annaa jala kan oole ji'a darbe akka ta'e ibsichi eereera.

Haleellaa Israa’el kan Kamisa har’aa raawwatteen ala, dirooniiwwan hedduun Libaanon irraa gara naannoo Israa’elitti qaxxaamuruu isaanii waraanni gabaaseera. Haleellaan daangaa qaxxaamure kan yeroo dhiyootti raawwatame kun kan raawwatame dho’iinsa raadiyoo quunnamtii harkatti baatanii deemanii fi peejeriwwan kan Hezbollaa Libaanon keessatti fayyadamu irratti erga geggeessameen booda.

Ministeerri eegumsa fayyaa Libaanon Firaas Abaa’aad akka jedhanitti sababaa radio quunnamtii harkatti baatamu kan miseensonni Hezbollaa itti gargaaraman irratti dho’iinsa guutuu Libaanon keessaa irratti raawwatameen, namoonni 37 yoo du’an kenneen 2,931 ta’an madaa’aniiru jechuu dhaan haleellaa sanaaf Israa’eliin himatan.

Galaant kamisa har’aa telefoonaan ministeera ittisaa Yunaayitid Isteetis Looyid Oostin waliin kan Israa’el balaa Hezbollaa of irraa ittisuuf geggeessitu dabalatee waa’ee haala naannoo mari’ataniiru.