Waraanni Sudaan Ajajaan Gameessi Humna Saffisaa (RSF) Tokko Baqachuu Ibse

  • VOA

FAAYILII- Loltoota humna safiisaa Sudaan keessaa RSF jedhamuu hiriira humnoota waraanatiin deeggarame irratti, Sudaan, Waxabajjii 29, 2019.

Ajajaan Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) keessaa tokko loltoota isaa hanga tokko waliin akka baqate waraanni Sudaan Dilbata kaleessa ibsee jira. kunis erga gamnii lamaan ji’oota 18 caalaaf wal waraansa keessa seenanii as tarkaanfii angawaa gameessan fudhatame isa jalqabaati.

Deeggartoonni waraana byyatti suuraawwan Abuwagila Keyikal - qondaala waraanaa duraanii fi boodarra bulchiinsa El Geziraa, kibba baha keessatti ajajaa olaanaa RSF kan ta'e - erga aangoo gadhiisee booda agarsiisuu jedhanii toora interneetii irratti maxxansaniiru. Boodarra gareen RSF ibsa maxxansee Keyikal ''waliigaltee'' booda gam kaaniitti jijjiireera jechuun, humnoota bulchiinsa El Geziraa bahaa, bakka Keyikal irraa dhufetti isa waliin baqatan irratti miidhaa akka geessise ibseera.

SEE ALSO: Hiyuumaan Raayits Waach: Lamiileen Sudaan Itiyoophiyaatti Baqatan Balaa Kessa Jiru

Dhiheenya kana kutaalee magaalaa galma mootummaa biyyattii keessatti RSF irratti injifannoo argate kan gabaase waraanni Sudaan, Keyikal tarkaanfii kana fudhachuuf kan murteesse sababa RSF ''ajandaa diigumsaa'' qabuufi jedheera.

Waraana dura qondaala basaasa waraanaa kan turan Keyikal irraa yaadni amma ammaatti kenname hin jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Omdurmaan: Magaalaa Sudaan Wal-waraansaan Mancaate

Gareen RSF Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin walitti bu’iinsa uumameen RSFn kutaalee Sudaan bal'aa to'annoo jala oolcheera. Kun immoo jedha Tokkummaan Mootummootaa rakkoo gargaarsa namoomaa addunyaa irratti hamaa ta’e uumeera jedha. Wal Waraasi Sudaan keessaa namoota miliyoona 10 ol manaa fi qe’ee isaanii irraa buqqisee, kutaalee biyyattii hanaga tokko beela hamaa keessa kan galche yoo ta’u, humnoota alaa kanneen gama lachuu deeggarsa meeshaalee adda addaa kennan harkisee jira.