Weerara Vaayrasii Koronaa Afrikaa Keessaa

  • VOA

(Suuraa faayilii_

Guutuummaa Afrikaa keessatti ariitiin babalaa kan jiru faca’iina vaayrasii KOOVIID-19 ittisuuf tarkaanfiin hatattamaa fudhatamuu akka qabu jaarmayaan fayyaa addunyaa (WHO)n gaafatee jira. Sababaa vaayrasii koronaa isa bifa jijjirrateen kan ka’e faca’inni isaa hammaachuun ibsamee jira.

Gabaasaaleen dhiyeenya ba’an akka jedhanti weereerri vaayrasii Koroonaa Afrikaa keessaa torbanneen darban 6f keessatti torban torbaniin harka 25 dabalaa kan jiru yoo ta’u kunis lakkoobsa namoota Afrikaa keessatti KOOVIID -19n qabamanii Miliyoona 5.4 kan geesisee yoo ta’u kanneen lubbuu ofii dhaban immo Miliyoona 100 fi Miliyoona 41n ga’ee jira.

Jaarmyaa Fayyaa Addunyaa keessatti Afriikaaf Daayreekteera kan ta’an Matshidiso Moeti, vaayrasiin bifa jijjiratan gostii sadeen faca’iina vaayrasichaa kan Afrikaa keessaa sadarkaa haaraatti ol butan jechuun akeekkachiisan.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Weerara Vaayrasii Koronaa Afrikaa Keessaa