Koreen Mana-maree Murtii Seeraa Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaa Keessa Mootummaan Hunda Hammate Akka Jiraatuu fi Mirgi Dhala-namaa Akka Kabajamu Ka Gaafatu Wixinee Seeraa Haaraa Baase

  • Namoo Daandii

Koreen Mana-maree Murtii Seeraa Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaa Keessa Mootummaan Hunda Hammate Akka Jiraatuu fi Mirgi Dhala-namaa Akka Kabajamu Ka Gaafatu Wixinee Seeraa Haaraa Baase

Qopheessummaa Dimookiraaticha bakka-bu’aa Maariilaand Seneeter Bejaamiin L Kaardin-n, mata duree “S. RES. 432 jedhamun, Seerri Eegumsa Mirga Dhala-namaa Itiyoophiyaam, Mana-maree Murtii-seeraa Yunaayitid Isteetsitti, Koree Dhimmoota Alaatiin dhihaachuun himamee jira.

Torban dabre keessa, Waxabajjii 23, bara 2016, Kongresii 114ffaa irratti ka dhihaate wixineen seeraa kun, Itiyoophiyaa keessa, Mootummaan garee hundaa hammate akka jiraachuu qabus gaafatee jira.

Seerri kun, koree hariiroo alaatiin kan raggaasisamee fi jijjiiramni tokko otuu itti hin godhamiin akka gabaasamus ajajamee jira. Seerrichi, Waxabaajjii 23 mariif dhhaatee akka dabarsamu ennaa korichaan raggaasisametti kan dubbatan Senatorri kutaa Tenesii, Bob Kirooker warra wixinee seeraa kana qopheessanii fi dhiheessan ennaa galateeffatan, “murtiin ejjennoo duraa nuti ilaallu, kan S. RES. 432 jedhamu, eegumsi miga dhala-namaa akka Itiyoophiyaa keessa jiraatuu ka deggeruuu fi bulchiinsi hunda of-keessaa qabu akka jiraatu ka jajajjabeessu. Senator Kaardin, murtii ejjennoo dhihessuu isaaf guddoon galatoomsadha. Akkasumas – senaatoraatoa ka biroo waliin qopheessan – Senator Markery, Senator Koons, Senotr Manendoz fi Senator Rubiyoo nan galatoomsadha. Ejjennoon kun hojii irra oolfamuun, hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabnu akka itti fufnu nu gargaara. Itiyoophiyaan Mootummaa hunda hammatee fi eegumsa mirga dhala-namaa hojiin mul’atu bira ga’aadhuuf baay’ee tu hafa” jedhan, jedhan - Senator Kirooker.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Koreen Mana-maree Murtii Seeraa Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaa Keessa Mootummaan Hunda Hammate Akka Jiraatuu fi Mirgi Dhala-namaa Akka Kabajamu Ka Gaafatu Wixinee Seeraa Haaraa Baase