Haalli Yunivarsitii Waldiyaa Keessa Amma Iyyu Hin Tasgabboofne: Barattoota

  • Jaallannee Gammadaa

Faayilii - Yunivarsitii Waldiyaa

Yunivarsitii Waldiyaa keessatti Sambata darbee jechuun Onkolooleessa 9 bara 2019 galgala rakkoo nageenyaa uumameen Lubbbuun barattoota oromoo lama darbuu fi kanneen biroon 15 ta’an madaa’uu barattonni ibsanii jiru.

Barattonni Wiixata har’a akka jedhanti sodaa keessa akka jiranii fi tsagabiin kan hin argamnee ta’u dubbatan.Kana malees barnootii addaan cite akka jiru dubbatan.

Daayreekteerri Waajiira Komunikeeshinii Yunivarsitii Waldiyaa Obbo Tafarraa Asnaaqe akka jedhanti namoonni shakkaman 13 to’annaa seeraa jala ooluu isaanii fi kaleessaa qabdee tasagabii fi nagaan argamuu sabaa himaa mootummaa naannoo Amaaraaf ibsuu isaanii waabeefachuun Teleeviziyoonni mootumma Itiyoophiyaa gabaasee jira.

Barattonni humnootii nageenyaan ukkaamfamanii fudhataman oduun jedhu soba ta’u itti gaafatamaan qajeelfama Polisii godina walloo kaabaa Komaandar Haabtaamuu Sisaay ibsanii jiru.

Rakkoo uumamee dhabamsisuun deemsa barnootaa akka itti fufuu gochuuf hojjatamaa kan jiru ta’u kan ibsan immo qondaala dame barnootaa ykn Akaadaamii Obbo Saamuu’eel Nigaatee ibsanii jiru.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Haalli Yunivarsitii Waldiyaa Keessa Amma Iyyu Hin Tasgabboofne: Barattoota