Xaaliyaanii Keessatti Riqichi Cabe Lubbuu Galaafate

  • VOA

Rooba yandoo har’a Xaaliyaanii magaala buufata doonii Genoa gama kaabaatti robe keessa riqichi konkolaataan irra darbaa ture hangi tokko jigee yoo xiqqaate namoonni 35 du’uu itti aanaa ministeerri geejjibaa biyyattii beeksisaniiru.

Edoardo Rixi gaaffii fi deebii SkayNews24 jedhu waliin geggeessaniin riqichi barbaachisaan akkasii balaa akkanaa ittisuuf ijaaramuu dhabuun fudhatama hin qabu jedhan.

Ministeerri geejjibaa Danilo Tonineli akka jedhanitti balaan hamaa akkasii arguun hedduu nama gaddisiisa jedhan.

Kanneen ijaan argan keessaa tokko TV Xaaliyaaniif akka ibsetti ennaa balaan sun dhaqqabu konkolaataa saddeet ykn sagaltu riqicha sana irra ture. Dhaabbati oduu ANSA suraa riqichi sun huratee biilsaalee fi daandii baaburaa jala ture irratti kufe.