Lammiwwan Briteen yokaan Yunaayitis Kiingdom, Kamisa dabre kana sagalee miliyoona tokko caaluun Gamtaa Awurooppaa keessaa ba’uuf murteeffatan. Kan akka biyyatiin Gamtaa Awurooppaa keessa turtu falmaa turan – Muummichi Ministaraa Briteen, Deevid Kaameroon immoo akka taayitaa hoogganummaa biyyattii gad-lakkisan beeksisan. Waa’een egeree biyya Gamtaa Awurooppaa keessatti dinagdeen lammaffaa taatee kun shakkii keessa galuun, boorumtaa isaa – gaafa Jimaataa akka sharafni maallaqaa Paawundii biyyattii gad-sigigaatu taasise.
Uummatni Briteen Gamtaa Awurooppaa irraa toora biraa qabachuf murteeffachuun waa’ee hegeree biyyattii gama tokkoon shakkii gama biraan immoo carraa akka uumuu mal utu dubbatamaa jira. Kan magaalaa London jiru, Yunivarsitii Saaseksitti kaadhimamaa dooktorummaa ka ta’an – Obbo Namarraa Gabayyoo Maammoo, hegereen Biriteen haala itti biyyattiin Gamtaa Awurooppaa keessaa baatu irratti hundaawa. “Eega Gamtaa Awurooppaa keessaa baatee booda, biyyoota akka Jarmanii fi Yunaayitid Isteets faa waliin hariiroo dinagdee fi siyaasaa akkamii qabaatti? Biyyoota akka Chaayinaa fi biyyoota Afrikaa waliin hariiroon qabaattu maal fakkaachuuf jira? Kanneen jedhanii fi gaaffiileen ka biroon egeree biyyattiif murteessoo dha” jedha.
Xiinxala guutuu dhaggeeffadhaa
Your browser doesn’t support HTML5