Xumura tapha kubbaa miilaa Afrikaa

Your browser doesn’t support HTML5

Amajjii 9,2022 jalqabee Amma Guraandhala 6, 2022 ti kaameruun keessatti gageessamaa kan turee taphii kubbaa miilaa Afrikaa Dilbata kaleessaa raawwateera. Biyyoottan 24 waancaa arggachudhaaf waliin falmaa turanii dhuma irratti Masri fi Seenegaal tapha xumuraa irratti waliin dorgomanii Seenegaal Yeroo Jalqabaatii fi waancaa Afrikaa mooteetti.

Yeroo 33ffaadhaaf tapha taasfamee kana irratti keessumaa taphaa xumuraa irratti xiinxalaa Spoortii beekamaa kan ta’e Eebisaa Nageessaa yaada nuuf qoodu qaba. Eebisaan Biyyaa Siwudin jiraata.

Biyyi taphicha moote Seenegaal waan isheedhaaf malu argattee ? moo’u qabdii turtee? Gaafii jedhuun eegalla.