Xuyyuuri Itoophiyaa torbaan dhufuuyyuu Eertiraa dhaqa waldaan IGAD ammoo akka Eertiraan miseensaatti deebitu fedha

  • VOA

Itoophiyaa fi Eertiraa

Itoophiyaa fi Eertifraan eegi waan cufaan wal hanqatanii wal lagatanii ganna 20 keessa jiran.Waraanii biyyitii lamaan irratti wal balleessitee biyyaa fi ummata kanallee guddoo wal hanqise.

Amma fuulii biyyaa araaraatti jira.Akka oduu biiroon kominikeeshiini Itoophiyaatti xuyyuurii geejjiba Itoophiyaa torbaan dhufu Eeritiraa Asmaraatti barrisaa. Ministerii haajaa alaa Itoopiyaa Dr.Warqinee Gabayyoolleen tanuma jedhe.

Gama kaaniin ammoo akka Itti gaafatamaan IGAD(Intergovernmental authority for Development) Waldaa Misooma Afrkaa Bahaa wal gargaaranii jedhetti muummeen ministera Itoophiyaa,Dr Abiyyi Ahmed hariyummaa Itoophiyaa fi Eeritaan waliin qabdu faluuf murachuun waan guddoo dansaati.

Itti gaafatamaan IGAD ambaasaadder Mahboub Maalim, ergaa gammachuu muummee ministera Itoophiyaatii ergeen bulchiinsa qaroomaa, qalbii fi jabeenna qabuun hariyummaa Itoophiyaa fi Eeritaa jabeessuu,walii galtee Aljeris fudhachuun waan jajjabeessuu malan jedha.

Biyyitii lamaan akkana walii galuun waan waliin qaban walii jabeessaa,nagaa fi guddinna guddisaa, Afrikaafuu faaydaa kenna jedha

IGAD ammoo akka jecha ambaasaaddera kanaatti deemsa kana hin deeggarti.

Akka Eertiraan miseensa IGADitti deebite qooda nagaa fi araraa gama ufiitiin qabdu baafatu irraa feenaa jedha ambaadderii Mahob.