Hanqinni Midhaan Nyaataa Yemen Keessaa Yaaddessaa Ta'uun Ibsame

  • VOA

Gamoowwan magaala Tayez keessatti waraanan burkutahan, Yaman, Waxabajjii 9, 2022

Biyya Yemen keessatti namoonii Miliyoonii 19 ta’an hanqinaa midhaan nyaatatiif akka saxilamaniif isaan keessaa namoonni 160,000 t’an afaan beelaa irraa akka jiran haangaoonii mootummoota gamtoomanii ibsaniiru.

Dhaabata mootummoota gamtoomaniitii, waajiraa qindeesaa gargaarsaa namoomaatti haangaa’a kan ta’an Ghada Eltahir Mudawi qibxata kaleessaa walgahii mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii irratti akka dubbatanitti, ergaa waligalteen dhukaasaa dhaabuu gareewwan wal waraanaa jiran giduutti tasifamee asis haalii hanqina midhaan nyaataa akka yaaddesaa ta’etti jira.

Yeroo ammaa fedhiin gargaarsaa guddachaa deemaa jiru, gargaarsii namoomaa yarachaa jiruuf, hirdhinni baajataa waan dhaabbilee gargaarsaa yaaddesaa jiru akka ta’e kan himan haanga’an dhimma gargaarsaa mootummoota gamtoomanii , hanqina jiru guutuudhaaf tarkaanfiin atattamaa akka barbaachisu gaafachuun isaanii gabaasameera.

Mootummaan yemen innii mootummaa Sa’udii Arabiyaatiin degramuu fi gareen Huutii innii Mootummaa Iraaniin deggeramu haalaa gargaarsa namoomaa mijeesuudhaaf jechaa waxabajii 2 /2022 jalqabee ji’oottan lamaaf walgalteen dhukaasaa dhaabuu ergaa taasisanii boodaa yemen keessatii haraa galfannaan amma tokko jiraachuun isaa fi midhaan siviilotaa irraa gahaa turee hir’achuu isaa yemanitii Jilli addaa mootummoota gamtoomanii Haans Grundberg mana maree nageenyaa mootumootaa irrati ibsuun isaanii gabaasameera.