Lammiiwwan Yemen kumaan Laka’aman Qe’ee Ofii IrraaBuqqa’anii Haala Hamtuu Keessa Jiru: UNHCR

UNHCR

Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa uummanni kurna kumaan laka’amu Yemen kaaba marib keessaa biyya ofii keessatti qe’ee irraa godaane, haala hamtuu yeroo tokko tokkos haala lubbuuf sodaachisu keessa jiraatu jechuun Liissaa Shilaayin Jenevaa irraa gabaasteetti.

Magaalaa Marib to’achuuf lolli ripxe loltoota Houtii fi humnoota mootummaa gidduutti geggeessamu uummata siivilii irraan miidhaa guddaa geessisaa jira.

Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa dhiyeenya gamaaggama taasiseen gandeen buqqaatota 190,000tti tilmaamamu keessummeessaan akkaan muddamanii tajaajila fedhii bu’uuraa guutu hin qaban. Dubbi himtuun UNHCR Aikateriinii Ktitidii akka jedhanitti bishaan qulqulluu, maneen fincaanii, elektrikii fi keellaaleen eegumsa fayyaa meeshaaleetu itti hanqata.