Yugaandaan Sababaa Iboolaatiin Manneen Barnootaa Cufuuf Jirti 

  • VOA

FAAYILII - Doktoroota bakka namoonni ibooladhan qabaman keessa tursiifaman keessatti, Mubidnee, Yugaandaa, Onkoloolessa 27, 2022.

Sababa dhibee Iboolaa biyyatti keessatti babbalachaa deemaa jiruun kan ka’ee, mannootan baruumsaa Ugaandaa yeroo cufamuu qaban irraa Torban lama dursuudhaan akka cufaman haanga’oonni mootummaa beekisasanii jiru. Mootummaan Ugaandaa murtoo kana kan dabarse erga barattoonni 23 vayiresii Iboolaatiin qabamanii isaan keessaa barattoonni Sadeet du’anii booda.

Ministirri barnootaa mootummaa Ugaandaa Jooyisee Mooriikaa Kaaduukuu, magaalaa Kaampaalaa akkasumas anaalee Waakisii fi Muubeendee jedhaman dabalatee dhukubichii maneen barnootaa Shan keessatti argamuu isaa beeksisanii jiru.

Akka ministirri barnootaa Ugaandaa jedhanitti manneen barnootaa biyyatti Saddasaa 25 cufamanii, erga qulqulaa’anii booda haalii rakkinichaa ilaalamee baraa haaraa 2023ti banamuu danda’u.

Murtoo kaabinee Prezidaanti Ugaandaa Yuweerii Museveenii irraa madde kanatti maatiin barattootaa akka hin gammanne kan ibsee gabaasinii Halimaa Atumaanii sababa Koroonaatiin kan ka’ee manoottan barnootaa Ugaandaa waggoottan lamaaf cufamanii akka turan yaadachiiseera.