Yukreen fi Raashaan Marii Gaggeessan

  • VOA

Hoggantoota Raashaa fi Yukreen marii irratti hirmaatan, Gomeel Belaaruus, Guraandhala 8, 2022.

Yukreen battalumatti dhuukaasa dhaabiinsii ta’e Raashaan waraana ishee biyya keessaa akka baaftuuf, jilli ishee mariif Raashaa waliin Wiixata har’a taa’ee gaafatee jira.

Gama kaaniin, prezidaantiin Yukreen Vlaadmiir Zeleenskii biyyi isaanii battalumatti miseensummaa gamtichaa akka argattuuf gamtaa Awuroopaa gaafatanii jiru.

Mariin Yukreenii fi Raashaa giddutti har’a daangaa Yukreen irratti kan gaggeffame yoo ta’u, waajirri Zeleenskii akka jedhutti jilli Yukreen kun ministeera Ittisaa fi gorsaan prezidaatummaa of keessaa qaba.

Zeleenskiin dhaamsa Vidiyoon dabarsaniin, gamtaan Awuroopaa gaaffii isaaniif hatattamaan deebii akka kennuu akkasumas, waraanni Raashaa qawwee akka lafa ka’an gaafatan. Kaayyoon keenya Biyyoota Awuroopaa hunda waliin ta’u, keessumaa wal qixxee ilaalamuuf jedhan. Kun gaaffii sirrii natti fakkaata, ta’uus ni danda’aa jedhan.