Yunaayitid Isteetis Talaallii COVID-19 Itti Dabalaa Itiyoophiyaaf Gumaachite

Embasiin Yunaayitid Isteetis kan Fifnfinnee jiru Ameerikaan talaallii Faayizer kan COVID-19 doosi 1,552,590  Itiyoophiyaa dhaa ka gumaachitu ta’uu labsitee jirti.

Yunaayitid Isteetis talaalliiwwan kana nageenyi isaa eegamee, qixxummaa, kaka’umsi siyaasaa utuu itti hin jiraatin lubbuu oolchuu qofaaf ergiti. Gumaachi haaraan kunis baatii Adoolessaa bara 2021 qabee lakkoobsa talaallii COVID-19 Yunaatid Isteetis Itiyoophoiyaaf kennite miliyoona 19n ga’ee jira. Talaalliiwwan Faayizer kun Onkoloolessa 27 karaa wal ta’iinsa oomishaa fi raabsii talaallii fi qorannaa COVID-19 kan qixxee hunda dhaqqabuuf hundaa’e kan COVAX jedhuu dhaabbata dawaa Itiyoophiyaaf ergamee jira.

Ibsi embasichaa akka jedhetti Yunaayitid Isteetis talaalliiwwan lubbuu oolchu kan COVID-19 kana ennaa gumaachitu gammachuutu nutti dhaga’ama. Itiyoophiyaan fayyummaa uummataa ilaalchisee michuu dhiyoo waan taateef, weerara hamaa kanatti duuluuf cina keessan dhaabachuu itti fufna jechuu dhaan ambaasaadder Geetaa Paasii dubbataniiru. Talaallii amansiisaa dhiyeessuun meeshaa gaarii weerara kana dhabamsiisuuf talu, kanaaf Yunaayitid Isteetis COAVAX waliin ta’uu dhaan talaallii COVID -19 doosii biliyoona 1.1 bituu akkasumas gumaachuuf cicha qabdi jedhan. Hanga har’aatti Yunaayitid Isteetis talaallii doosii miliyoona 220 biyyoota 100 oliif gumaachitee jirti.

Prezidaanti Baayiden, lubbuu oolchuu akkasumas weerara kana adda durummaa dhaan dhaabsisuuf talaallii kana ka biroo waliin ni hirmaanna jedhan.