Biyyoonni kun kanneen sababaa caamaa fi wal-dhabinsaan uummatni isaanii miliyoonaan lakkaawamu gidiraa keessa jiru. Biiroo dhimma Dimookiraasii, Wal-dhabinsaa fi Gargaarsa namoomaa, ka USAID-tti gargaarsaa Bulchaa ka ta’an – Robert Jenkins, har’a Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, iyyanna gargaarsa namoomaa afuriif, Yunaayitid Isteets gargaarsa dabalataa ka kennitu ta’uu beeksisan.
“Sanbata dabre kana, Yunaayitid Isteets gargaarsa dabalataa gara miliyoona dhibba ja’aa fi miliyoona soddomii-sagal uummaa miliyoona hedduu rakkoo nyaataa fi hookkaraan gidiramaa jiran, biyyoota akka Sudaan Kibbaa, Naayijeeriyaa, Somaaliyaa fi Yemeniif kennuuf labsitee jirti. Sudaan Kibbaa fi Yemen keessatti, rakkoo dhalli namaa uumeen, uummata miliyoona kurnaan lakkaawaman tu beelaaf saaxilamee jira. Hookkara irraa kan ka’e. Somaaliyaa keessattis akkasuma,” jedhu – Mr. Jenkins.
Itityoophiyaan biyyoota gargaarsi dabalataa kennamuuf keessa hin jirtu taanaan – maaliif gargaarsichi kennamaaf? Gaaffii jedhuuf - Aangawooan USAID kun ennaa deebisaanis.
“Haalli Itiyoophiyaa gama Kibbaa keessa jiru daran waan haammaataa jiruuf, yoo gargaarsaan gidduu hin seenne balaa guddaa ta’uu mala. Gargaarsi nyaataa fi meeshaaleen nyaata madaalawaa akka dhumuutti dhihaate Tokkuymmaan Mootummootaa akeekkachiisee jira. Sagantaan Nyaata Addunyaa fi Mootummaan Itiyoophiyaa kana gargaarsi kun garii dhuma baatii Waxabajjiitti, guutmuummaan isaa immoo baatii Fulbaanaa keessa dhumuu mala – jechuun akeekkachiisan.” Jechuun, maaliif gargaarsicha biyyattiif kennuun barbaachisaa tahe hubachiisan.
Your browser doesn’t support HTML5