Yuniversitii Wallootti jara ijjeechaa barataa Sayid Xayyibiin shakkan qaqqabuutti jiran

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Yuniversitii Wallootti jara du’a barataa Sayid Xayyibiin shakkan qaqqabuutti jiran

Sayid Xayyib yuniversitii Wallootti barataa barumsa bulchiinsa gabayaa ganna lammeessoo yuniversiti keessatti guyyaa guddaa ijjeesan.

Akka pirezidaantiin yuniversitii Walloo Dr Abaatee Geetahun jedhetti waan barataa Sayid Xayyib galfaate yuniverstii fi ummati itti wal gargaaree qorachaa bahee shakkamaa qabe.

“Bulchiinsa nagaa Dasee,waraana federaalaa, kora bittineessaa fi bulchoota dubbiin tun laaltu hedduutti bilookii barattoota sadii keessaa fillee haga halkan saatii sadiitti soqe.Warra gurbaa shakkame kana gargaare jedhanillee sadii qaban."

Reeffa Sayid Xayyib hospitaala Finfinnee Phaawuloositti erganii qorachiisanii maatiitti kennan.Hojjataa yuniverstii Walloo tokkollee tanumaan shakkanii hujii irraa dhaaban.

“Warra nama ijjeesuun shakkan,qabeenna balleesse miidhe warra beekaa tana hojjate ragaa itti qixeeffannee adabuutti jirra. Hojjataa haga 10 ammoo dubbii isaanii qorachuutti jirra.”

Ijoollee akkana miidhan jiran akka Dr Abaateen jedhetti hedudun isaanii miskiinuma barumsa ufii barachuu dhufe.

“Yoo isaan mana fincaanii,mana kitaabaa mana amantiitti bahan miidhan.Waan akkasii keessaa bahuu qamna.”

Akka ijoolleen achi baratan jedhanitti namii barnootaaf dhufe akka miidhuun mwaan akka malee garaa nama nyaataati.

Barataan qalbiin cabdee barachuutti jira ammallee waa nagaa dhowwuu dandahaatti mumullataa eeguu qaban jedhan.

Wara yuniverstii cufee siyaasaa gara hin qamne oofuu fedhutti yuniverstii keessatti jeequmsa eeguu fedha jabeessanii eeguu qaban jedhan.