Yuniversitiin Haarvard Qooda Koollejichi Gabrummaa Keessatti Qabaataa Ture Qorachuuf Doolaara Miliyoona $100 Ramade

  • VOA

FAAYILII - Alaabaa Yunaaytid Isteets gamoo Yunversiitii Harvaard keessatti

Yunivrsitiin Harvard gabrummaa waliin hariiroo gad fagoo qabu qorachuu akkasumas araara buusuuf jecha doolaara miliyoona 100 ramaduu isaa prezidaantiin mana barnootichaa beeksisanii jiran. Karoorri isaas uummata abaabileen isaanii mana barnootaa kanaan gabrummaa jala turan adda baasanii deggeruuf akka ta’e beekamee jira.

Prezidantiin Yuniversitichaa Lawrence Bacow deggersa maallaqaa kana kan beeksisan ennaa Harvard gabaasa haaraa kan mala adda addaa-tiin kollejichichi gabrummaa irraa bu’aa argatee fi loogii sanyii hedduu oofaa ture ifa taasisetti.

Gabaasi Bakoon beeksisan kun barsiistonni fi hojjettoonni akkasumas hoogganni Harvard bara 1636 hanga bara 1783tti manni barnootichaa erga hundeeffamee qabee lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afiirkaa 70 ol gabrummaan bituu isaanii mirkaneessanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Yunivarsitiin Finfinnee Xalayaa Waa’ee Galmee Barattootaa Dhiheenya Baaserratti Ibsa Kenne