Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongee fi Hanqina Nyaataa Itiyoopiyaa Keessaa

Sorry! No content for 1 Bitooteessa. See content from before

Qibxata 8 Muddee 2015

Bona Itiyoophiyaa
Bona Itiyoophiyaa

Jijjiirama qilleensaa EL NINO faana dhufee fi bokkaan baranaa saatii eegatanitti hin robin nama hedduu beelesse.

Akka mootummaan jedhetti namii ariitiin gargaarsa eegatu miliyoona 8 fi kuma 200 ture amma dabalee miliyona 10 fi kuma 200 tahe.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:02 0:00
Xurree marsariitii

Akka itti gaafatamaa Koree Ittisa Balaatii fi Qophaahinaa,Mitikkuu Kaasaa kora rakkoo tana irratti dubbachuuf Finfinenetti taa’e irratti jedhetti baranaa aanaalee 430 rakkinna gugurdaa sadii keessa buuse.

“Warrii gargaarsaa abdannu guddoollee nu gargaaruutti hin jiru.Jarii nu eegannuu kun ufiifuu rakkoo Jiddu-Gala Bahaatti harkaa isaan qaba.Horiin warriin waadaa nuu gale doolara miliyoona 163 qofa.Silaa horiin nu nama miliyona 8 fi kuma 200 qofaa gaafanne doolara miliyoona 596 fi kuma 400.”

Ji’a 12 dhufaatti gargaarsa nama miliyoona 10.2 gaafatan akka jecha obboo Mitikkuutti qarshi Itoophiyaa biliyoona 20 oli. Tokkummaan Mootummootaa Itoophiyaa nama miliyoona 15 ariitiin gargaarsa eegataa jedhe.Taatullee akka obboo Mitikkuun jedhutti Tokkummaan Mootummootaa waan gara garaa ilaalee mala muree namii gargaarsa eegatu hagasillee gahuu dhabuu dandaha.

Woma taateefuu nama miliyoona 10 fi kuma 200 Itoophiyaatti ariitiin gargaarsa eegata jedhan keessaa akka gabaasa Save The Children jedhutti miliyoonii jaha ijoollee.

Save The Children Itoophiyaan bona akka baranaa ganna 50 keessatti argitee hin beettu jedha.Itoophiyaan ammallee warra isii gargaaruuf waadaa gale irraa waan hedduu eegachuutt jirti

Caama Godina Arsii Lixaa Mudate

Jijjirama qilleensaa mudateen Itiyoophiyaa keessatti uummanni Miliyoona 8 ta’u gargaarsi nyaataa kan isa barbaachisu ta’uu jaarmayoonni adda addaa beeksisaa jiru. Jiraattonni Godina Arsii Lixaa akka ibsantti caamni yeroo mudatu kun kan jalqabaa miti jedhu. Kan baranaa garuu daran hamaa ta’uu dubbatu. Midhaan facaafatan sababaa roobni dhabameef karaatti hafuu isaa fi erga roobni xiqqaan argame booda kan facaafatanis hagas mara oomisha argamsisee hin qabu jedhu.

Ta’us garuu gargaarsa mootummaan barana raabse tokko iyyu hin jiru jedhan. Gama kaaniin bulchaan godina Arsii Lixaa Obbo Abaadir Abdaa gargaarsi raabsamaa jiraa caamni humnaan ol ta’e hin jiru jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:17:53 0:00
Xurree marsariitii

Caalaa agarsiisi

XS
SM
MD
LG