Waraanni Hindii, loltoonni Paakistaan, ka daangaa biyyoota lameenii irra jirtu – kutaa Kaashmiir keessatti, loltoota lama nu irraa ajjeesanii, qaama isaanii kukkutanii gatan – jechuun balaaleffatee jira.
Yeroo hariiroon biyyoota Eshiyaa gama Kaabaa lameen gidduu baay’ee hammaatee jiru kanatti, waraanni Indii gochaa kana akka haaloo ba’u dhaadatee jira.