Xurree ittiin seenan

Breaking News

Musliimonni Jerusaaleem Israa’el Tarkaanfii Nageenyaa Fudhatte Kaasuutti Gammadan


Hoogganoonni Musliimotaa fi amantoonni kanneen Jerusaaleem keessaa magaalatii seena qabeettii bakka qulqulluu akka seenaniif eeyamni kennameefii jira.

Hojjettoonnis bakka qulqulla’aa sana irratti ijaaramee kan ture dallaa sibiilaa akkasumas karra isaa irra kan turan kaameeraawwan naga eegumsaaf kaa’aman har’a erga kaasanii booda warri Faalisxiin daandiiwwan naannoo qulqullaa’aa sana jiran irratti ba’anii gammachuu isaanii ibsanii jiru.

Haa ta’u malee koreen angawoota musliimotaa bakki sun utuu hin sakatta’amin amantoonni seenuu hin danda’an jedhanii turan.

Israa’el meeshaa sibiilli jiraachuu isaa adda baasu dabalatee meeshaalee naga eegumsaaf tolan bakka sana kan dhaabde Adoolessa 14 erga hidhattoonni Arabootaa poolisoota Israael lama ajjeesanii booda.

Tarkaanfii Israa’el fudhatte kun musliimota Jerusaalem keessaa mufachiisee jira. Israale to’annaa gootu kana gara dachii qulqulla’aatti babal’isuu illee dandeessi shakkii jedhu qabaachuu isaanii ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG