Torbaan Oromoo, qophii dorgommii kubbaa miilaa,atileetiksii,aadaa,marii siyaasaa,bashannanaa fi dorgommii akka akka Oromoon baruma baraan Amerkkaa godina MInisootaa keessatti qopheeffattu.
Ogeeyyotii fayyaa Oromoo achi jiranilleen keessattuu fulaa dorgommii kubbaa miilaa itti taphatanitti dhufanii,caphaa hidhaa,ka nafii butute dhidhiibaa,ka buqqahee fi ribuun oli rifatte hidhaa waan akka akkaatin tolaan gargaaruutti jiran.
Jarii kun waan namaa wallaanuun kaan manneen akimii irraa kadhatee argatee kaan horii ufiitiin bitaa namaan gargaara.
Hagii tokko waldaa isaanii,Waldaa Ogeeyyota Fayyaa Oromoo Addunyaa fulaa bu'ee kaan ammoo ufumaa itti dabalmee ummata gargaara.
Tana caalatti kunoo arma irraa caqasaa.