Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Kanneen Hidhaa Keessa Jiran  fi Mana Hidhaa Keessatti Lubbuu Ofii Dhaban Haa Yaadannu


Ayyalaa Bayyanaa, Dargageessa Oromoo mana hidhaa Qilixootti dhukkubsachaa turee booda luubbuun isaa darbe. (Suuraa Faayilii)
Ayyalaa Bayyanaa, Dargageessa Oromoo mana hidhaa Qilixootti dhukkubsachaa turee booda luubbuun isaa darbe. (Suuraa Faayilii)

Itiyoophiyaa keessatti namoota sababaa yaada sammuu isaaniif jecha qofa hidhaman, du’an akkasumas ilaalcha siyaasaa fi amantii qabaniif hidhaman yadachuuf Robii har’a Muddee 27 bara 2017 duullii gama marsariitii hawaasaan gaggeeffamaa ture.Kanneen hidhaa keessatti lubbuu ofii dhabanis qiyyaafata duula guyyaa tokkoof gaggeeffamee turan.

Itiyoophiyaa keessatti Lakkoofsii namoota hidhamanii dabalaa akka jiru, seenaan namoota hidhaa keessa jiranis ta’e kanneen hidhaa keessatti lubbuu ofii dhaban kan ilaaleen namnii hunduu waan beeku akka barreessuu akkasumas hidhamtoota dhaqanii gaafachuun har’a yaadatamee kan oolee ta’u kanneen kan irratti hojjataa jiran keessaa Dargagaggoo Girmaa Guutamaa ibsee jira.

Namoota biyya keessatti hidhaa keessa jiran sirritti baruun rakkisaa akka ta’e sababaan kanaas iddoo namoonni dhoksaan hidhaman waan jiruuf ta’u hubachisee jira.Kanneen hidhaa keessatti dararamaa jiran akkasumas hidhaa keessatti lubbuu ofii dhaban yaadachuun hidhamtootaaf jajjabiina qaama dhimmi ilaaluuf immoo odeeffannoo dabarsuu waan ta’eef qooda gaarii qaba jedha Girmaan.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa

Itiyoophiyaa Keessatti Kanneen Hidhaa Keessa Jiran  fi Mana Hidhaa Keessatti Lubbuu Ofii Dhaban Haa Yaadannu
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:22 0:00

XS
SM
MD
LG