WAASHINGITAN, DIISII —
Namoota torban darbe keessa mana hidhaa Itiyoophiyaatii gad lakkisaman keessaa shamaree Caaltuu Taakkalaa fi Obbo Badhaasaa Tolaasaa tokko. Caaltuun waggaa kudhan dura kan hidhamte ta’uu dubbatti. Enna sana Yunivarsitii Siddist Kiiloo irraa barattuu polotiikaal Saayinsii waggaa sadaffaa akka turte nuuf himtee jirti.
Tokkummaa siyaasa biyya tokkoo humnaan booressuu himannaan jedhu kan irratti dhiyaate ta’uu kan ibsite Caaltuun ani garuu kana keessaa harka hin qabu jetti.
Ka biroo namni waggoota 11 dura dhuka’aa qabatanii argaman jedhamuun namoota hidhaman shan keessaa Badhaasaa Tolaasaas torban darbe hiikamee jira.