Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsiin Yeroo Hatattamaa Rakkoo Jiruuf Furmaata Miti: Paartilee Mormituu


Paartiin MEAD fi Semayawiin har’a waaree irratti ibsa gaazexeessotaaf kennaniin kan isaan irratti fuuleffatan dhimma biyyattii hedduu yaaddessaa jedhan irratti ture.

Akka ibsa barreeffamaan kennametti uummati Itiyoophiyaa yeroo ammaa gaafataa kan jiru jijjiirama sirnaa malee jijjiirama suphuu miti jedhan.

Kanaaf muummicha ministeeraa haarawaa filachuun hafuu qaba. Qooda kanaa biyya keessaa fi ala kan jiran paartilee mormituu waldoolii siivikii waluma gala dhimmi biyya kootii na dhiba kan jedhan lammiiwwan Itiyoophiyaa mara kan hirmaachise waltajjiin marii akka qophaa’u paartileen lamaan gaafataniiru.

Walatjjii marii kana irraas yaadi furmaataa kan maddu ta’uu amanu. Labsiin yeroo hatattamaa torban darbe labsames rakkoo jiruuf furmaata miti jechuu dhaan hatattamaan akka ka’u paartileen kun gaafataniiru. Itti gaafatamaan quunnamtii uummataa paartii Semaayawii obbo Abebe akaaluu ennaa dubbatan.

Gabaasa guutuu caqasaa

Labsiin Yeroo Hatattamaa Rakkoo Jiruuf Furmaata Miti: Paartilee Mormituu
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:12 0:00

XS
SM
MD
LG