Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarsi Gumaa Araarsaa Ture Yakka Tokko Malee  Akka Gaaguraatti Fannisameen Tumamaa Ture, Jedhu Hidhamaan Dhiheenya Hiikaman


Oromia map
Oromia map

Namoota yeroo dheeraaf mana hidhaa tursisamanii dhiheenya hiikaman keessa tokko, godinaa Wallagga Bahaa irraa abbaa ijoollee ja’a Obbo Kabbadaa Waaqoo ti.

Sababaa hidhamuu isaanii fi mudannoo isaanii ilaalchisee, gaaffii fi deebii Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, “ani maanguddoo gumaa araarsu.

Dhala iyyeessaa gargaaruudhaan beelkamu tahee hawaasa koo gidduutti otuun jaalalaa fi kabajaan jiraadhu, guyyaa tokko humnoonni mootummaa dhufanii mana kootti marsan, qeehee koo dirree waraanaa fakkeessan” jedhanii akkaataa itti waggaa lama dura mana isaaniitii qabaman ibsan. Abbaa ijjoolee ja’aa tahuu isaanii kan dubbatan, Obbo Kabbadaan, dura gara magaalaa Naqamteetti geessamanii qoratamuu isaanii, booda Finfinnee ka ture – mana-hidhaa Maa’ikelaawiitti geessamanii baatiilee shaniif qoratamuu VOAtti himan.

Eega himannaan irratti dhihaatee booda immoo, Qilinxoo fi Ziwaayitti hidhamuu isaanii dubbatan.

Guutummaa gaaffii fi deebii isaanii dhaggeeffadhaa.

Jaarsi Gumaa Araarsaa Ture Yakka Tokko Malee  Akka Gaaguraatti Fannisameen Tumamaa Ture, Jedhu Hidhamaan Dhiheenya Hiikaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:27 0:00

XS
SM
MD
LG