Golli naga-eegumsaa, ka Tokkummaa Mootummootaa rakkoo hamaa Liibiyaa keessatti uumame irratti dubbachuuf yeroo qophaawaa jirutti, magaalaa galma-mootummaa biyyattii dhuunfachuuf wal-waraansi deemaa jiru har’a illee daran hammaatee itti fufee jira.
Humnootiin Baha biyyattii Jeneraal Kalifaa haftaariin hoogganamu, handaara magaalaa Triippoolittii Tokkummaa Mootummootaa fi loltoota deggertoota mootummaa wajjiin walitti-bu’anii jiran.
Jiraattonni kumootaan lakkaawamanis, lola kana dheessuun naannoo sana irraa baqataa jiran.
“Libyan National Army yokaan LNA” ka jedhaman – humnoonni Jeneraal Haftaariin hoogganaman, jalqaba waggaa kanaa irra bakka maadhee isaanii jabaa ture - Liibiyaa gama Bahaa gad-lakkisanii dheessuudhaan, lafa uummatni baay’een irra hin jirree fi zayita boba’aan badhaatee taate, ka Triippolii irraa gama Kibbaatti argamtu qabatanii turan. Torban tokko dura, magaalaa Triippoolii dhuunfachuuf haleellaa haarawa kana jalqaban.