Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Ijoollee Keenna Waan Aadaa Barsiisuuf Qopheessine’ – Qopheessitoota Guyyaa Aadaa Booranaa Keeniyaa


‘Ijoollee Keenna Waan Aadaa Barsiisuuf Qopheessine’ – Qopheessitoota Guyyaa Aadaa Booranaa Keeniyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:07 0:00

Sanbata darbe kana Keeniyaa Naayroobiitti Qophii ‘Galgala Guyyaa Aadaa Booranaa jechaan qophaayerratti, dhalattoonni Oromoo Keeniyaa keessa jiraatan, ka Oromiyaas Itiyoophiyaa dhufanii irratti hirmaatanii jiru. Qophii kanarratti angawootni mootummaalleen irratti argamaniiru.

Keeniyaa Hawaasa Booranaa biratti maqaa masoo ‘Liiban’ jedhamuun ka beekaman Itti Aanaan Pirezidentii Keeniyaa ‘Wiiliyaam Ruuttoo, bulchitootni Kutaalee Bulchiinsaa Oromoowwan Keeniyaa keessatti argaman keessa jiran hedduunIrratti hirmaatanii jiru.

Galgala Guyyaa Aadaa Booranaa
Galgala Guyyaa Aadaa Booranaa

Gama Itiyoophiyaanis Keeniyaatti Ambaasaadderri Itiyoophiyaa Melles Alem argamanii ayyaana kana gubbatti hirmaatanii jiru.

XS
SM
MD
LG