Keeniyaan kutaa bulchiinsa Kaaba baha biyyattii ka argamtu gaarrisaa keessatti buufata raayya ittisa biyyaa haarawa bantee jirti.
Kutaan bulchiinsa gaarrisaa ka al shabaab yoo hedduu balaa itti dhaqqabsiisu yoo tahu, Keeniyaanis kanuma ilaaltee rakkoo kana furuuf bante jedhan keeniyaattann yoo jimaata waaree booda kaampii raayyaa ittisa biyyaa kana saaqan.
Keeniyaattaan yoo dubbatan buufatni raayya ittisaa kun banamuun qaama karoora ramaddii fi humna dandeettii raayyaa ittisa biyyaa keeniyaa ol kaasuuf akka tahe, bulchiinsi kiyya raayya ittisa biyyaa ammayyeessuuf waan danda’e hundaa akka mijeessu himani. Kunis isin raayyawwan biyya keenyaa kaayyoo keessaniin cimtanii karaa maraan daangaa biyyaa akka eegdan isin dandeessisuufi jechaan dabalataan dubbatan
Dabalaniis Keeniyaattaan buufati raayyaa kun dhiyeenya daangaa Somaaliyaarratti banamuun nageenya Somaaliyaafillee gaarii ta’uu himanii jiru. Achumaanis turtii isaaniitiin damee waajjira Immigreeshinii Gaarrisaa lafaa bansiisanii pirojektii anniisa aduurraa humna elektiriika mega Waatii 54 maddisiisus eebbisiisaniiru.
Gareen mankaraarsummaan himatamu al shabaab Keeniyaa, keessumaa kutaa buufatni raayyaa ittisaa haarawi itti baname Gaarrisaa keessatti yoo hedduu balaa ka dhaqqabsiisu yoo tahu, torbeen durallee konkolaataa geejjibaarratti dhukaasa banee nama kudhan ajjeesuunsaa ni yaadatama.