Mootummoonni Afriikaa fi qabsaa’onni mirga baqattootaa fooremiin seena qabeessi dhimma baqattootaa kun deggersaaf kan oolu maallaqa barbaachisu akkasumas naannolee rakkoon baqattummaa keessa jiru ilaalchisee iyyannaa isaanii addunyaa quba qabaachisa jedhanii abdatu.
Afriikaan baqattoonni hedduun kan irraa godaanani. Kanneen miliyoonaan laka’aman jireenya wayyaawaa barbaaduuf jecha gammoojjii Sahaaraa kutanii, galaana Mediteraaniyaan qaxxaamuran yeroo heddu abjuun isaanii hin dhugoomu. Akkasuma ta’ee Afriikaan nuusa baqattoota naannoo addunyaa keessummeessiti.
Angawoonni jaarmayaa gargaarsaa akka jedhanitti kanneen akkasii deggeruuf hanqinni maallaqaa sababa jiruuf gargaaruun hin danda’amne. Kanaaf hawaasi addunyaa akka gargaaru waamicha dabarsaniiru.