Bulchiisa naannoo Somaalee, magaalaa Jijjijjigaa fi Bulchiisa naannoo Oromiyaa, Harargee Lixaa keessatti, hiriirawwan paartii Badhaadhinaa deggeranii fi duulawwan naannoo qulqulleessuu geggeessamuu isaa, gabaasaan VOA – Addis Chekkol, Dirre-dhawaa irraa gabaasee jira.
Kanneen magaalaa Jijjigaatti hiriira bahan - jiraattota magaalattii keessaa, namoonni VOAf ibsa kennan, “kan uummata Somaaleetiin gaafatamaa ture gaaffiin wal-qixxummaa fi sab-daneessaa Paartii Badhaadhinaatiin waan deebii argatee fi naannoo keenya keessatti nagaa fi tasgabii buusuunis waan danda’ameef deggersaaf hiriira baane” jechuun isaanii gabaase – Addis Chekkol.
Hiriira sana irratti argamuun kan haasawa dhageessisan – Prezidaantii Itti-aanaan Bulchiinsa Naannoo Somaalee – Obbo Muusxafee Mohammed, naannoon isaanii keessatti fiinxaalessummaa fi kanneen uummataa fi uummata walitti buusan akka iddoo hin qabaanne dubbatan.
Gama biraatiin, bulchiinsa naannoo Oromiyaa. Godinaa Harargee Lixaa keessatti hiriirri deggersa fi duullii naannoo qulqulleessuu geggeessamee jira.
Godinaa sana keessatti, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Amajjii tokko irraa jalqabee hojiiwwan handaara bishaanii misoomsuu fi naannoo qulqulleessuu geggeessamaa ture – ka jedhan – Itti-gaafatamaan Biiroo Dhimma Koomiyunikeeshinii Harargee Lixaa – Obbo Huseen Waayyuu, deggersa paartii Badhaadhinaaf, hiriirawwanii fi duulawwan naannoo qulqulleessuu aanaalee 15 fi magaalaalee lama keessatti geggeessamuu dubbatan.