Korri saddeettaffaan Humnoota Waraana Lafoo Afrikaa har’a ennaa Finfinneetti jalqabametti kanneen haasawa baninsaa dhageessisan keessaa tokko, Ajajaan Walii-galaa humnoota waraana Lafoo Yunaayitd Isteetis Jeneraal Maayikil Gaareet rakkolee boor mudachuu danda’an of irraa deebisuuf hoogganoonni har’aa qophii gahaa gochuun barbaachisaa tahuu hubachiisan.
Waraanni Yunaayitid Isteetis michuu amanamaa tahuu ka dubbatan – Jeneraal Gaareet, dandeettii biyyoota michootaa toora adda addaan cimsuuf murataa tahuu isaa, akkasumas, odeessa wal-jijjiiruuf qophii tahuu isaa dubbatan. Rakkoolee fi nokkortiilee yeroo ammaa akka addaatti Afrikaa mudate jira, jedhan kan ibsan immoo, dura-taa’aa ajajoota humnoota waraanaa Itiyoophiyaa – Jeneraal Adam Mohammed.
Gabaasaa guutuu caqasaa