ADAAMAA —
Godina Shawaa Bahaa, aanaa Booset keessatti sirna baniinsa Wajjira Adda Bilisumaa Oromoo irratti dhukaasa banameen namni tokko ajjeefamee sadii madaa’uun himamee jira.
Kanneen madaa’an keessaa tokko itti-gaafatamaa waajira ABO aanaa sanaa ti, jedhama. Bulchiinsi aanaa Booset immoo rakkoon kun kan uumame waajira ABO seeran ala banamaa ture irraa ti, jedha.
Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin, waajiricha banachuuf ulaagaa baratame mara guutuu isaa fi qaamota barbaachisaniin xalayaa gahuu isaa dubbata.