NAYIROOBII —
Lammileen Oromoo biyyoottan Awurooppaa jiraatan ardicha keessatti dhibeen Kooronaa baballachuun ka ka’e manaa bahaa hin jiran. Dhalattoonni Oromoo keessumaa biyya Faransaayi akkasumas Xaaliyaan jiraatan dhibeen kun namoota hedduu ollaa isaaniitii ajjeesuun akka isaan rifaasise dubbatan. Dhalattoota Oromiyaa jiraataniinis dhibeen kun utuu akka asii balaa cimoo utuu hin geessisin of eeggannoo malu taasisaa jechaan dhaamanii jiru.
Galmoo Daawit’ tu qindeesse.