Vaayiresiin COVID-19 jedhu utuu hin ka’in dura iyyuu uummati addunyaa miliyoona 113 ta’u duruuu hanqina midhaan nyaataa hamaa kan balaa uumamaa fideen rakkoo hamaa keessa bu’ee jira.
Kanaaf fakkeenya gaariin Itiyoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa bakka jarmayaan nyaata addunyaa uummanni miliyoonni 12 sababaa hongee yeroo dheeraan kan ka’e midhaan oomishamuu dhabe, itti dabalees hawwaannisi gammoojii baatii Muddee fi Amajjii keessa midhaan barbadeesse jechuun beekisise.
Caasaan ittisa rakkoo midhaan nyaataa gabaasa isaa baatii Ebla keessaan akka ibsetti naannoo laga Chaadii fi naannoo Liptaakoo Gourmaa kan Maalii, Niijerii fi Burkinaafaasoo akkasumas kutaalee Naayijeeriyaa keessaa walitti bu’iinsi uumae hanqina midhaan nyaataa fi nyaata madaalamaaf sababaa ta’e.
Naannoo sana keessaa baatii Waxabajjii hanga Hagayyaatti yeroo jiru keessatti uummata miliyoona 17 ta’utu rakkoon midhaan nyaataa fi nyaata madaalamaa isa mudachuuf jira.
Issoooufou Baoua garee naannootti kan jiru koree ittisa hongee Saaheel keessaaf hayyuu dha. Yeroo ammaa uummata miliyoona 50 ta’utu dhiphataa jira. Rakkoo hamaatu mudachuuf deema jechuun akeekkachiisan.