Prezidaant Doonaald Traamp Roobii kaleessaa prezidaantii Masrii Abdel Fettaah El-Sisii waliin dubbatanii jiru. Prezidaant Traamp El Sisiin xumura turban darbee araarri akka bu’uu fi walitti bu’iinsi Liibiyaa keessaaa akka dhaabatu tattaaffii isaan godhan galateeffataniiru.
Hoogganoonni lamaan marii lola dhaabinsaa kan gareelee wal fincilan gidduu kan tokkummaa mootummootaa gaafate mala itti fufuu danda’u humnoonni alaa Liibiyaa keessaa akka ba’u irratti mari’atanii jiru.
Prezidaant Tramp hidha laga Abbayyaa ilaalchisee walii galteen haqa irratti hundaa’e Masrii, Itiyoopiyaa fi Sudaan gidduutti akka jiraatu gochuuf cicha qabdu illee irra deebi’uun mirkaneessaniiru.
Walii galteen akka hin jiraanne gabaasaaleen jiraatan iyyuu biyyoonni sadan marii itti fufanii jiru.