WAASHINGITAN, DIISII —
Addi Bilisummaa Oromoo fi Koongiresiin Federaalawa Oromoo Manni-maree Federeeshinii Itiyoophiyaa haga filannoon waliigalaa geggeessamutti mootummaa taayitaa irra jiruuf akka yeroon aangoo dheeressamuuf murtii Gumiin Qorannoo Heeraa dhiheesseef raggaasisuu mormuudhaan kaleessa ibsa waloo baasanii jiran.
“Murtiin Manni-maree Federeeshinii yeroo bulchiisaa mootummaa dheeressuuf dabarse, gochaa seeraa alaa ti,” jedha ibsi paartiileen mormitootaa lamaan waliin baasan.
Kana irratti Namoon Itti-gaafatamaa Sab-quunnamtii Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Qajeelaa Mardaasaa dubbisee jira.
Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.