WAASHINGITAN, DIISII —
Itiyoophiyaan bishaan hidha laga Abbayaa akka guutuu jalqabdu yeroo beeksistee jirtu kanatti haala addaan-qooddannaa bishaanicha Abbayaa irratti mariin Masrii waliin jiru fuul-dura hin tarkaanfanne.
Lolli hidhannnoo biyyoota lamaan gidduutti ka’uun kan hin fakkanne tahu iyyuu haalli kana uumuu malu garuu dabalaa jira – jedhu xiinxaltoonni.
Waxabajjii 9 bara 2020 dabre kana irraa jalqabanii aangawoonni Itiyoophiyaa, Masrii fi biyya bishaan Abbayaa qooddattu ka biraa – ka Sudaan yeroo adda addaatti walga’anii jiran.
Aangawoonni Itiyoophiyaa fi Masrii, mariiwwan sana irraa waan qabatamaan argamuu dhabuu isaanti mufachuu isaanii dubbatu.
Gabaasaa Saayimen Maarks, caqasaa.