Harra Itiyoophiyaa keessatti namootni dhibee Kooronaan qabaman 5425 gaheera. Ministeerri fayyaa akka beeksisetti harras Itiyoophiyaa keessatti namootni 250 ta’an haaraan dhibee kanaan faalamanii jiru. Saddeet ammoo dhibeedhuma kanaan lubbuun isaanii darbeera.
Dhibeen kun qorannoo namoota kuma shani fi dhibba afurii fi kudha afur irratti gaggeeffameen ka argame yoo tahu, akka gabaasi Ministeerri fayyaa agarsiisuttis warri dhibeen irratti argame keessaa 177 jiraattota magaala Finfinnee, 21, Tigraay, 20 Amaara irraa, 18 Gambeela rraa, 8 Oromiyaa 4 Naannoo Soomalee, 1 Dirre Dhawaarraa fi kurneen warri hafan ammoo lammiilee biyya alaati.
Ministeerri fayyaa warri harra qabame umriin yoo kaawu daa’ima ji’a sadii haga nama ganna 90 keessa jiraachuu beeksise.
Warra lubbuun dabre saddeeettan yoo odeeffannoo isaanii ifoomses, nami sadii ka Jiraattota Finfinee akkasumas Dirre Dhawaa ta’an utuu yaala fudhataa jiranii lubbuun isaanii akka darbe, shanan hafan ka jiraataa magaalaa Finfinnee ta’an garuu erga du’anii saamuda reeffa isaaniirraa fuudhameen dhibee kanaan lubbuun isaanii darbuun baramee jedhe. Namootni kuma sadii fi dhibba jahaa fi afurtamii jaha amma dhibee kanaan qabamanii akka jiran, isaan keessaa 27 baayyee dhukkubsatanii yaala gargaarsaa fudhataa jiraachuu, 144 ammoo harra dhukkubuma kanarraa fayyanii bahaniiruu jedhe.
Gama Oromiyaatti yoo deebinu kaleessa nami tokko erga dhibee Kooronaan qabamuu mirkanaa’ee kibba Oromiyaa Booranatti nami dhibee Kooronaan qabame 6 gahee jira. Moluu Diimaa itti aanaan hoogganaa waajjira eegumsa fayyaa Godina Booranaa namootni kun martuu guyyoota darban kana keessa dhibeen kunini irratti argame; martuus ollaa Keeniyaatii warra ol dhufeedha jedhan.
Obbo Moluun warra namoota kana faana wal qunnaman mara adda baasaa akka jiran himanii haga yoonaa Goomoleerratti namoota 33, Mooyyaleerratti ammo namoota 29 adda baasnee saamuda irraa fuunee qorataa jirra jedhan. Obbo Moluun aanotii dhibee kanaaf saaxilamoo ta’an aanotii daangaa Keeniyaarratti argaman fi warra naannoo geejjibaarra hojjetuuf qorannoo taasisuun tatamsa’ina dhibee kanaa ittisuu yaalaa jirras jedhu. Namootni dhibeen irratti argame dhiirotni afurii fi dubartoonni lama amma Hospitaala Mooyyalee jiru. Dookter Gezzaahny Isheetuu; Meedikaal Diirekteriin Hospitaala Mooyyalee namoota kanaaf hordoffii barbaachisu taasisaa jirra jedhan.
Angawootni godinaa Godinni Booranaa daangaa ballaa Ollaa Keeniyaa waliin waan qabuuf sochiin konkolaataa dhorkamus seensa namaa guutummaa guutuutti dhaabuun hin danda’amne kanaaf jiraattota waan dhibee kanaa ballinaan barsiisaa jirra jechuun himu.